user

Oromo Workers Association

Civic and Social Organizations
img No Team Available

Overview

Seensa Waldaan Hojjettoota Oromoo (WHO) fedhii fi kaka’umsa Hojjettoota Oromoo waajiraalee garaagaraa keessa jiraniin kan hundaa’e Waldaa hawaasaa (Community Based Organization, CBO) ti. Rakkoowwan Hojjettoota Oromoo waajjiraalee kanneen keessatti muudatan ka’umsa godhachuun kan dhaabbate waldaan kun, Keessumattuu rakkoolee:- Afaan hojii Federaalaa fi bulchiinsa magaalaa lamaanii (Finfinnee fi Dirree Dawaa), akkasumas dhaabbilee misooma garaagaraa waliin wal-qabatee jiru, Omishtummaan Investimentii naannoo keenya keessa jiru akka guddatu gochuuf, misooma adeemsifamu wal-cinaatti Afaan, aadaa, duudhaa fi seenaan uummata Oromoo waliin dagaagaa fi gabbachaa adeemuu dhabuu, Rakkoowwan lammiilee keenya hojiif gara biyyoota garaagaraa (biyyoota baha fagoo) deeman daran guddachaa adeemuu, Waajiraalee jiran keessatti Oromoo aangessuu fi kanneen aangoo qabatanis yommuu ilaallu hojiin akka Oromummaatti hojjechuu qabnu kan wal-hin qabannee fi dhimmi ofitti amanamummaa cimsuu xiyyeeffannoo kan barbaadu ta’uu, Akkasumas labsii heera hojjetaa fi hawaasummaa kan biyyoolessaa fi kan naannoo Oromiyaa hojiitti jijjiiruuf tumsa taasisuuf ijaaramuun barbaachiseera. 2. Mul’ata Sagalee Hojjettootaa ta’uun, misoomaa fi guddina waliiniif ni tumsa! 4. Kaayyoo WHO Itti amanamummaa Bulchiinsa mootummaa Naannoo Oromiyaatiin beekamtii kan argate WHO; kaayyoo armaan gadii fiixaan baasuuf Onnatee ni hojjeta:- Dandeettii, muuxannoo, beekumsaa fi haala mijataa argame walitti fiduun haala itti misooma Oromiyaatiif oolchuun danda’amu uumuu, Miseensonni, faayidaa hawaas-dinagdee isaanii haala itti waliin mirkaneeffachuu danda’an uumuu Hojjetaan lafa jiru kamittuu beekumsaa fi dandeettii ol-aanaadhaan hojii isaa akka ba’atu taasisuu fi hojii ijaarsa dandeettii cimsuu Afaan, Adaa fi duudhaan Oromoo akka dagaagu gumaacha taasisuu Hojiilee misooma naannoo fi biyyi qabatee socho’aa jiru irratti hirmaachuu, qooda adda duree ta’e ba’achuu fi kkf dha. 5. Duudhaalee Ol-aantummaa Heeraa fi Seera kabajuu Amanamummaa Nageenyaa fi Misooma tumsuu Iftoomina Beekumsaan hojechuu 6. Qooda Fudhattoota BMNO Biiroo Hojjetaa fi Hawaasummaa Naannoo Oromiyaa Ejensii Misooma Investmentii Oromiyaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi Dirree Dawaa akkasumas Naannoo Hararii Waajiraalee Federaalaa fi k.k.f. 7. Dhaamsa Oromummaa WHO rakkoolee waliinii keenya kan furannu, gamtaadhaan dhaabbachuun, qabxiilee ijoo rakkoowwan kanaa bu’uurarraa maqsuun ykn adeemsa karaa dheeraa barfata ta’us waliin jalqabuun furmaata ni ta’a jedhee ni amana. Kanaafuu hundumti keessanuu abbummaadhaan; Qabeenya, beekumsa, muuxannoo fi k.k.f qabdaniin nu Cinaa akka dhaabbattan dhaamsa isaa ni dabarsa!! 8. Ulaagaa Miseensummaa Oromoo ta’ee fedhii isaa iyyataan WHO tiif kan dhiyyeeffatu, Kaayyoo waldichaatti amanee kan fudhate Buusii miseensummaa yerootti kafaluu kan danda’u Beekumsa , muuxannoo fi dandeettii qabuun tajaajiluuf qophii kan ta’e Teessoon E.meelii:- oromiyaaworkersa @gmail.com Marsariittii/Website: coming soon! Lak.Bilbil:-+251 (0)9 66 92 58 81, 913340754 Lak.S.P:--------Finfinnee, Itiyoophiyaa

  • National Bank of Ethiopia (NBE)

    National Bank of Ethiopia (NBE), Sudan Street, Ambassador, Microlink Project, Lideta, Addis Ababa, 3131, Ethiopia

    Get Direction